January 15/2014 (Amajjii 7/ 2006)

 

Har’a barreeffamoota haarawa lama maxxansinee jirra. Mata-duree Kaayyoo Guddaadhaf Nan Waammame jedhu jalatti dhuga-ba’iinsa Musliima dhalataa biyya Iraaq tokko dhiheessinee jirra. Seenaa dhugaa kana dubbisuudhan akka eebbifamtanii fi Waaqayyo Waaqa dhugaa ta’uu isaa gara hubachuutti akka dhuftan ni amanna. Mata-duree Jiraattota Jahaannamaa Keessaa Baay’en Isaanii Dubartoota jedhu jalatti immoo ilaalcha gadi aanaa Muhaammad dubartootaf qabu barreeffama saaxilu isiniif dhiheessinee jirra. Dubbisa gaarii isiniif haata’u!

December 11/2013 (Mudde 2/2006)

Guyyaan har’aa kun guyyaa toorri intarneetii Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo itti banameedha. Oromootaa fi namoota Afaan Oromoo dubbisuu dandeechan hundaan baga gammaddan isiniin jenna! Guyyaa kanattii barreeffamoonni gara garaa maxxanfamanii jiru. Mataduree Gaarummaan Isin Keessa ni Jiraataa?Gaarrummaan Isin Keessa ni Jiraaataa? jedhu jalatti barreeffamni dhihaate rakkoo cubbuu ilmaan namaatif furmanni dhugaa maal akka ta’e nutti ni agarsiisa. Mataduree Yesus Kiristoos jedhu jalatti barreeffamni dhihaate immoo waa’ee Yesus Kiristoos Qur’aanni maal akka dubbatuu fi garaagarummaa Macaafa Qulqulluu irraa qabu nutti ni mul’isa. Barreeffamoota Muhaammad Raajii Waaqayyoo isa Dhugaadha? akkasumas Muhaammad Ergamaa Waaqaa isa Dhugaatii? Kutaa Tokkoo fi Kutaa Lama matadureewwan jedhan jalatti dhihaatan keessatti Muhaammad dhugumaan ergamaa Waaqayyo isa samii fi ardii uume irraa dhufe moo raajii sobaati? gaafii jedhuuf deebiin gahaa ta’e kennamee jira. Barreeffamoota kanneen dubbifadhaa, michoota keessanittis fuula kana beeksisaa. Yeroo dhiho keessattis barreeffamoota haarawa heddu waan daballuuf deddeebi’aa nu daawwadhaa. Dubbisa gaarii isiniif haata’u!

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa